Obsaa Ahmad

Obsaa Ahmad

Share

MAQAAN BADUU MANNAA MATAAN BADUU WAYYAA ADDA BIYYA AAYYAA MURAA MATAA KIYYAA

16/09/2026

๐€๐›๐›๐š๐š ๐ƒ๐ก๐ข๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐’๐š๐›๐š๐›๐š ๐†๐š๐ก๐š๐š ๐Œ๐š๐ฅ๐ž๐ž ๐ƒ๐ž๐๐๐ž๐ž๐›๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐˜๐š๐ค๐ค๐š ๐Œ๐š๐ฅ๐š๐š๐ฆ๐ฆ๐š๐ฅ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š๐ญ๐ข๐ข๐ง ๐๐š๐ฆ๐š ๐€๐๐š๐›๐ฌ๐ข๐ข๐ฌ๐š.
๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป
โ€Ž๐Ÿ‘‰๐Ÿพ๐‹๐š๐›๐ฌ๐ข๐ข ๐˜๐š๐ค๐ค๐š ๐Œ๐š๐ฅ๐š๐š๐ฆ๐ฆ๐š๐ฅ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐‹๐š๐ค๐ค. ๐Ÿ–๐Ÿ–๐Ÿ/๐Ÿ๐ŸŽ๐ŸŽ๐Ÿ• ๐Š๐ฐ๐ญ ๐Ÿ๐Ÿ– ๐ƒ๐ก๐ข๐ฆ๐ฆ๐š ๐‡๐š๐š๐ฅ๐š ๐‡๐ข๐ง ๐Œ๐š๐ฅ๐ฅ๐ž๐ž๐ง ๐‹๐š๐Ÿ๐š๐ซ๐ซ๐š ๐‡๐š๐ซ๐ค๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฎ.

Namni hojjataa mootummaa ykn dhaabbata ummataa tahe kamiiyyuu sababa itti gaafatamummaa isaan yookin hojii isaan dhimmi isatti dhiyaate irratti kallattiiniis tahee alkallattiin nama dhimmicha irraa faaydaa qabu kamiiyyuu irraa faaydaa argachuuf nama dhimmicha irraa faayidaa qabu kamiyyuu fayyaduuf ykn miidhuuf jedhee seera irraa, dambii hojiirraa, qajeelfama ykn hojimaataa ala sababa gahaa malee murtii malee kan hanbise, Abbaa dhimmaa garmalee kan dhamaase yoo taโ€™e haala dubbichaan hidhaa salphaa fi adabbii maallaqaa yookin hidhaa cimaa waggaa 5 hin caalleen ni adabama.

Maddi Fuula Abbaa Alangaa

14/09/2026

Allaahu Aammiin!

14/09/2026

Qabxiin ๐Ÿ’ฅ ifoome
Ministeerri Barnootaa Qabxii Seensa Remedial Program Yunivarsiitii Bara 2019 Beeksise

Qabxii Seensa Barattoota Idilee

Barattoota Dhiiraa (Saayinsii Uumamaa fi Hawaasaa): Qabxii 600 keessaa 240 fi isaa ol (40%).

Barattoota Dubaraa (Saayinsii Uumamaa fi Hawaasaa): Qabxii 600 keessaa 228 fi isaa ol (38%).

Qabxii Seensa Barattoota Deeggarsa Addaa Feetanii

Naannoolee Deeggarsa Addaa Feetan: Barattoota dhiiraa fi dubaraa Saayinsii Uumamaa fi Hawaasaa Naannoolee Afaar, Sumaalee, Beeniqiangul Gumuz fi Gambeellaatiif qabxii 600 keessaa 222 fi isaa ol (37%).

Naannoo Horsiise Bultootaa: Barattoota naannoo horsiise bultootaa fi gammoojjiitiif qabxii 600 keessaa 222 fi isaa ol (37%).

Barattoota Qaroo-Jaamaa: Barattoota Saayinsii Hawaasaatiin qoraman dhiiraa fi dubaraaf qabxii 500 keessaa 185 fi isaa ol (37%).

Barattoota Qaama Miidhamtootaa: Barattoota Saayinsii Uumamaa fi Hawaasaatiin qoraman dhiiraa fi dubaraaf qabxii 600 keessaa 222 fi isaa ol (37%).

14/09/2026

Miseensummaa Buusaa Gonofaa Qaamolee Adda Addaa Jiโ€™atti Qarshii Meeqa? Ykn Waggaan Qarshii Meeqa?

Maal Jedha?
๐Ÿ’ด Miseensi Buusaa Gonofaa kamiyyuu baatiin ykn waggaan qarshii๐Ÿ’ด meeqa kafaluu qaba kan jedhu akkaa asiin gadii kanatti Qophaawe jira dubbisa;

๐Ÿ”ตDhimma kana irratti Seerri rogummaa qabu Labsii Sirna Buusaa Gonofaa Naannoo Oromiyaa lakk. 244/2014 kwt.10,
Dambii Labsii Sirna Buusaa Gonofaa hojii irraa oolchuuf bahe lakk 235/2015 kwt. 18 fi 19 fi Qajeelfama lakk. 3/2015 kwt. 9(2)(A-M) jalatti hanga Buusii Miseensummaa Buusaa Gonofaa qaamooleen gargaraa kafaluu qaban tumee jira.

๐Ÿ”ดHanga Buusii Miseensummaa fi Akkaataa Buusiin Itti Raawwatamu Dambii Lakk. 235/2015 kwt.18 fi Qajeelfama lakk. 3/2015 kwt. 9(A-M) tiin haala asiin gadiitii kanatti raawwatama๐Ÿ‘‡

1โƒฃ manneen hojii mootummaa ykn dhaabbilee misoomaa mootummaa sadarkaan jiran yoo taโ€™e, mindaa qulqulluu jiโ€™aan argatu irraa % 2 ni buusa.

2โƒฃ mootummaa, dhaabbata misooma mootummaa, dhaabbata miti- mootummaa ykn dhaabblee idil-addunyaa yoo taโ€™e, mindaa qulqulluu jiโ€™aan argatu irraa % 1 ni buusa.

3โƒฃ bulaa yookiin horsiisee bulaa:

(a) Qonnaan bulaa yookiin horsiisee bulaa adda durootaa jiโ€™atti qarshii 25.00; waggaan qarshii dhibba sadii 25*12=300;

(b) Qonnaan bulaa yookiin horsiisee bulaa giddugaleesaa jiโ€™atti qarshii 15.00; waggaan qarshii dhibba tokko fi saddeettama taha 15*12=180;

(c) Qonnaan bulaa yookiin horsiisee bulaa harka qaleeyyii jiโ€™atti qarshii 10.00 taโ€™a; waggaan qarshii dhibba tokko fi digdama taha 10*12=120;

4โƒฃ
(a) Kaffalaa gibiraa sadarkaa โ€œAโ€ qarshii 200.00; waggaan qarshii kuma lama fi dhibba lama taha 200*12= 2200

(b) Kaffalaa gibraa sadarkaa โ€œBโ€™โ€™ qarshii 100.00; waggaan qarshii kuma tokkoo fi dhibba lama taha 100*12=1200;

(c) Kaffalaa gibiraa sadarkaa โ€œCโ€ qarshii 50.00; waggaan qarshii dhibba jahaa taha. 50*12=600 kan buusu taโ€™a.

5โƒฃ Jiraataa magaalaa hojjetaa mootummaa yookiin daldalaa hin taane, jiโ€™atti qarshii 10.00 kan kaffalu taha;

6โƒฃ Manneen hojii mootummaa kamiiyyuu baajata hojii raawachiftuu ramadamuuf irraa % 2 karaa Biiroo Maallaqaa yookiin caasaa isaa sadarkaan jiruun herrega baankii Fandii Buusaa Gonofaa dhimma kanaaf banametti galii kan taasisan taโ€™a.

7โƒฃ Dhaabbilee misoomaa mootummaa baajata idilee qabamuuf irraa bara baraan % 2 muruun herrega baankii Fandii Buusaa Gonofaa dhimma kanaaf banametti galii kan taasisan taโ€™a.

8โƒฃ Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1-6 jalatti kan tumame jiraatus, nama galii homaa hin qabne yookiin harka qalleeyyii taโ€™ee kaffaltii miseensummaa raawwachuu hin dandeenye, taajaajila kennuun bakka buusuu ni dandaโ€™ama. Haalli raawwii isaa Qajeelfama Lakk 3/2015 tiin tumamee jira.

๐Ÿ”ตBuโ€™uraa Dambii kwt kanatiin Qajeelfamni lakk.3/2015 kwt. 9(2) (J-m) jalatti addatti tumamee jira.
Isaaniis
Jโœ…Miseensotni Intarpirayzii Microo Xixiqqaa akkaataa kaappitaala isaaniitiin akka armaan gadiitti buusii kan kaffalan taa.

Interpiraayizii maayikiroo buusii jiaan qarshii 25

Interpiraayizii xixiqqaa buusii jiaan qrshii 50

Interpiraayiziin sadarkaa olaanaatti ceean akkaataa sadarkaa kaffaltii gibiraa dambii kewwata 18 kwwata xiqqaa 4n kan kaffalan taha.

Kโœ… Miseensa Barataa Umuriin isaa waggaa 9 fi isaa ol taโ€™e dhaabbilee barnootaa olaanaa mootummaa fi dhuunfaa (Universiitii fi kollejii)keessa jiran jiโ€™atti qarshii 2 waggatti Qarshii 24 yeroo tokkootti kan kanfalamu taโ€™a.

Lโœ… Miseensa umuriin isaa waggaa 9 fi isaa ol taโ€™ee barataa, Mindeeffamaa, daldalaa, fi ogeessa hin taane taโ€™ee baadiyyaa jiraatu Qoteebulaa of dandaโ€™e hin taโ€™iin darggaggesaa fi darggeettii, jiโ€™atti qarshii 2 kan kafalu tahee karaa bakka buโ€™aa gandaatiin kan raawwatu taha.

Mโœ… Miseesii biyaa alaa jiraatu jiโ€™atti Doolaara 5 fi isaa ol buusi miseensummaa ni kanfala.

โ†—๏ธ Hangi buusii Keewwata kanaan taa'e akkuma jirutti tahee, miseensi fedhii isaatiin hanga fedhe dabaluun buusuu ni dandaya.

fi yeroo buusiin Miseensummaa ittiin walitti qabamu irratti seerri maal jedhe?

lakk. 235/2015 kwt. 19 jalatti kaayame jira๐Ÿ‘‡

1โƒฃ Hojjetaa mootummaa ykn dhaabbilee misoomaa mootummaa ykn dhaabbata miti-mootummaa keessatti mindeeffamee hojjetu yoo taโ€™e waajjirichi ykn dhaabatichi jiโ€™aan peeroolii irratti mindaa miseensaa irraa hirโ€™isuun herrega baankii Fandii Buusaa Gonofaa dhimma kanaaf baname irratti galii kan taasisan taha.

2โƒฃ Mana Hojii mootummaa ykn dhaabbilee misoomaa mootummaa ykndhaabbata miti mootummaa yoo taโ€™e hanga mallaqaa Dambii kanaan taaโ€™e walitti qabuun herrega baankii Fandii Buusaa Gonofaa dhimichaaf baname irratti ni dhangalaasu.

3โƒฃ Qonnaan bulaa ykn horsiisee bulaa yoo taโ€™e, hojjetaa yookiin miseensa caasaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa sadarkaa sanatti jiru dhimma kanaaf ramadamu biratti jiโ€™a jiโ€™aan galii taasisuun nagahee kan fudhatu taโ€™a.

4โƒฃ Daldalaan herrega Baankii Fandii Buusaa Gonofaa dhimma kanaaf banametti ykn hojjetaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa yookiin caasaa isaa dhimma kanaaf ramadamu biratti jiโ€™a jiโ€™aan galii taasisuun nagayee kan fudhatu taha.

5โƒฃ Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1-4 tti kan tumame jiraatus, miseensi dirqama buusii isarraa barbaadamu yeroo tokkotti dursee kaffaluu barbaadu buusii miseensummaa bara baajatichaatti irraa eegamu yeroo tokkotti kaffaluu nagayee fudhachuu ni dandaya.

๐Ÿ’ท Haalli qabatamaan jiruu hoo maal fakkaata ๐Ÿ”ญ?

Via Abbaa Alangaa Aanaa Kombolchaa

13/09/2026
12/09/2026

"Kaleessa dhaqna na qabanii, Har'a Huuba qoonqoo na muranii, Kunoo Qunxuranii na fiixanii"Jette Intalli

12/09/2026

[JAALALA]
Jaalala dhugaa jechuun miira gammachuu waan baay'ee of-keeysaa qabuudha, Jaalalti dhugaa keessatti kunuunsa, kabajaafi wal hubachuun ijaarama.
โ€Ž
โ€Ž๐Ÿค Jaalalli itti-gaafatamummaa qaba.
โ€Žโ€œSin jaalladhaโ€ jechuun afaaniin dubbachuu qofa miti; yeroo barbaachisutti gochaan agarsiisuudha.
โ€Ž
โ€Ž๐Ÿ‘‰Jaalalli kabaja qaba.
โ€ŽNama jaallattu toโ€™achuu ykn akka fedhii keetiitti bocuu miti. Eenyummaa isaa, yaada isaafi bilisummaa isaa kabajuu dha.
โ€Ž
โ€Ž๐Ÿ‘‰ Jaalalli hubannoo qaba.
โ€ŽKolfa duuba gaddi jiraachuu dandaโ€™a; callisummaa isaa keessattis jechi inni dubbachuu hin dandeenye jiraachuu dandaโ€™a. Nama jaallachuun waan namni Afaaniin jedhu qofa osoo hin taane, waan inni hin dubbanne hubachuudha. Kolfa duuba gaddi jiraachuu dandaโ€™a; callisummaa isaa keessattis jechi inni dubbachuu hin dandeenye jiraachuu dandaโ€™a.
โ€Ž
โ€Ž๐Ÿ‘‰Jaalala qabaachuun qofti gahaa miti; nama biraatiif jaalalli kee akka itti dhagaโ€™amu beekuunis barbaachisaa akka taheedha.Kanaaf mee of gaafadhu:
โ€Ž
โ€Ž๐Ÿ‘‰ โ€œAni โ€˜sin jaalladhaโ€™ jedhee dubbachuu qofa moo, nama ani jaalladhu jireenya koo keessatti nama jaallatamaa taโ€™uu isaa itti dhagahamsiisaa jira ykn akka itti dhagahame godhaa jira? Sababni isaas, jechi jaalalaa gurra namaa gaโ€™a; gochi jaalalaa garuu garaa namaa seena.

Jaalala qabaachuun qofti gahaa miti; nama Jaalatteef jaalalli kee akka itti dhagaโ€™amu beekuunis barbaachisaa akka taheedha.Kanaaf mee of gaafadhu:
โ€Ž

Namni dhugaan si jaalatu waan ati Afaaniin jettu miti, waan ati hin dubbannes kan siif hubatuudha! Kolfa duuba gaddi, callisa duuba jechi ati dubbachuu hin barbachuu mala jedhee yaada waan taheef

Nama sin jaalanne jaalachuudhaaf yeroo kee hin gubin yeroo isaa eeggatee namoota si jaalatan hedduutu dhufaa.Nama jaalattu ammoo sobuuf hin yaadin sobni nama oolcha malee nama hin bulchu.

Iccitii nama jaalattuu eegiif namni sun waan si jaalatuuf akka hunda siif tahe beeki. Iccitii gaafa nagayaa dabarsitan yeroo gaddaa kaaftee hin haasawin sammii walii miidhaa waan taheef.

Jaalala keessatti of hin dhaadiin ykn ofiis hin tuffatiin normaal namaa tahi.

Yeroo gammachuu wa'aada hinseenin,yeroo gaddaas murtee hin murteessin booddee si midhuu dandahaatii

Nama jaalattuuf bilbiltee yoo hin kaafamne hin aarin tarii bira hin jirtu taati,tarii maatii bira jirti taati,tari charjii irraa jira taha bilbilli hin gaddiin

Jaalala keeysatti Shakkii irraa of qusadhu namni wal shakku karaa dheeraa wajjiin hin imalu.

Obsaa Ahmad Follow gochuu hin dagatinaa.

Category

Telephone

Address

Hagere Hiywot

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Obsaa Ahmad posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Subscribe

We will notify you when anything happens in Hagere Hiywot.